Atileetiin gameessi Olompikki Baarseloonaa dabalatee dorgoomiilee idiladdunyaa hedduu irratti hirmaatee fi injifannoolee galmeessise Xannaa Nagarii, Dilbata dabre du’aan boqotee, sirni awwaalcha isaa Wixata, Ebla 6, bara 2024 Finfinneetti bakka maatiin, firoonni, waahiloonnii fi dinqsiifattoonni isaa argamanitti raw’atamee jira. Atileet Xannaa Nagarii nama akkamii ture? Maatii, hiriyootaa fi waahiloota isaa dubbisnee, qophii qindeessine qabna.
Forum