Mootummaan Eertraa ba’ii qorannoo Tokkummaa mootummootaa fi komiishina mirga namaa Itiyoophiyaan geggeessameef deebii kennee jira. Gabaasi sun dhimmootii murteessaa ta’n kan seeraa, dhugaa jiruu akkasumas dhimmootii dursi kennamuu fi naamusaawwanii fi muuxannoowwan sadarkaa addunyaa of keessaa qaba.
Gama kanaan to’annoon kan isaan baerbaachisu utubaalee bu’uuraa kan ta’an, qaamotii qorannaa sana geggeessan aangoo seeraa qabaachuu, kan walabaa ta’uu isaanii, amanamaa ta’uu fi ogummaa qabaachuu isaanii, raga baatonni amanamoo ta’uu fi dhugaa jalaa miliquu fi ragaa kijibaa jalaa miliquu malaawwan dandeessisan qabaachuu isaanii fi ba’ii sana irraa kanneen argaman tilmaamaa fi xumurri isaa sirrii ta’uu isaa ilaalamuu qaba jedha ibsi mootummaa Eetraa sun.
Sadarkaa kanatti waa gad qonnee qorachuu bira hin geenyu, garuu hanqina ba’iii qorannoo sanaa fi qabiyyee gabaasichaa ibsuuf kanneen rakkisaa ta’an mul’isuu feena jedha ibsichi. Duraan dursee komiishinni mirga namaa Itiyoophiyaa fi daayirkterri isaa Daani’el Beqqelee Eertraa irratti tuffii fi seenaa diinummaa yeroo dheeraa qabu. Human rights Watch-tti ennaa hoogganaa dhimmootii mirga namaa kan kutaa Afriikaa turan, Daani’el baatii Amajjii bara 2013 damee albuudaa Eertraa fi warshaa albuuda Biishaa irratti kan dhiyeessan maqa balleessii fi gabaasi guutummaan fudhatama dhabe fakkeenya tokko.
Xumura irrattis jedha ibsi ministrii dhimma alaa Eertraan ba’e kun, ba’iin qorannaa gamtaan dhiyaate sababaalee armaan olitti tuqamaniin kan ka’e fudhatama hin qabu. Gama biraan Eertraan qajeelfamootaa fi seerawwan mirga namaa addunyaa fi seerawwan gargaarsa namoomaa fi bqataa mallatteessitee mara ni kabajji. Mootummaan Eertraa miseensi raayyaa ittisa biyyaa isaa seerawwan kana kan cabse yoo jiraate qorannaa cimaa geggeessee itti gaafatamummaan akka jiraatu ni mirkaneessa jedha ibsi ministrii dhimma alaa Eertraan ba’e kun.