Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti Aanaan Prezidaantii Ameerikaa Duraanii Joo Baayiden Dorgommii Geggeessaaniin Injifnnoo Gonfachuu Itti Fufan


Itti aanaa prezidaantiin duraanii Jooy Baayiden dorgommii filannoo kaadhimamummaa dimokraatota gidduutti geggeeffamu Flooridaa, Ilinooy fi kutaa Arizoonaa keessaa injifachuu dhaan Senater Bernii Saandersiin dursanii jiru.

Sagalee mara Filooriidaa keessatti laka’ameen kutaa kibba keessatti Baayden senetera kutaa Vermont Saandersiin sagalee dhibba irraa harka 62 fi 23n injifatan.

Biiden kurna sadii keessatti yeroo sadaffaaf prezidaantummaaf kan dorgoman yoo ta’u dorgommii kaadhimamummaa dimokraatotaa kana kutaa 24 keessaa 19 keessatti injifatanii jiru.

Baayden bakka jireenya isaanii Deliweer irraa kaleea galgala akka dubbatnitti tarsiimoo jiru irratti Saanders waliin adda addummaa qabaatanis insuraansii eegumsa fayyaa gatii madaalawaan argamu uummati akka argatu gochuu, wal caalmaa galii hambisuu fi jijjiirama qilleensaaf haala gumaachanitti duuluu irratti walii galla jedhan.

XS
SM
MD
LG