Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Kan Kibxata Filataman Doonaald Tiraamp Waliin Dubbachuu Isaanii Beeksisan 


Prezidaantii Yunaaytid Isteets Joo Baayiden masaraa mootummaa waayit Hawus irraa ibsa oggaa kennan, Waashingitan, Sadaasa 7, 2024.
Prezidaantii Yunaaytid Isteets Joo Baayiden masaraa mootummaa waayit Hawus irraa ibsa oggaa kennan, Waashingitan, Sadaasa 7, 2024.

Kan aangoo gad dhiisaa jiran prezidaant Baayiden, prezidaantummaaf ka filataman Tiraamp waliin dubbannee jirra, injifannoo isaan argataniifis baga gammaddan ittiin jedheera. Gareen bulchiinsa kootii martinuu garee isaanii waliin akka hojjetan kallattiin ajaja kenneera, nagaa dhaan aangoon akka darbu illee mirkaneesseeraaf jechuu dhaan Kamisa har’aa White House irraa haasaa dhageessianiin beeksisaniiru.

Baayiden itti aantuu prezidaantii Kamalaa Haaris fi garee duula filannoo isaan hoogganan galateeffataniiru. Baayiden akka jedhanitti fedhii uummata Ameerikaa kanneen filannoo isaanii murteeffatan nan simadha jedhan.

Uummati isa tokko ykn isa kaan filata. Filannoo biyyi murteesse simanna. Yeroo hedduu akkuman dubbadhe, yeroo injifattu qofa miti kan biyya kee jaal’attu jedhan. Itti dabalaniiis amanamummaa filannoo Yunaayitid Isteetis faarsanii jiran.

Forum

XS
SM
MD
LG