Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gofaa Bakka Balaan Sigiga Lafaa Itti Dhaqqabee Reeffa Barbaaduun Dhaabbate


Bakka balaan sigiga lafa itti dhaqqabe, Godina Gofaa, Adoolessa 22, 2024.
Bakka balaan sigiga lafa itti dhaqqabe, Godina Gofaa, Adoolessa 22, 2024.

Godina Goofaatti Reeffa namoota balaa sigiga lafaa uumaamee tureen barbaaduun dhaabbachuu isaa bulchiinsi mootummaa naannoo Kibba Itiyoophiyaa beeksiise.

Bulchiinsa mootummaa naannoo Kibba Itiyoophiyaa godina goofaa aanaa Gezee gofaa , ganda Keenchoo Shaachaa Gozdii keessatti gaafa Adooleessa 14 fi 15 bara 2016 balaa sisgiga lafaa uumamee lubbuu namoota hedduu galaafate reeffa namootaa barbaaduun Roobii kaleessaarraa kaasee guyaa kudhaniin booda dhaabbachuu hooggantuun biiroo Komuunikeeshinii naannichaa Aadde Sennaayit Salamoon sagalee Ameerikaatti himaniiru. Hanga ammaatti barbaacha reeffa namootaa taasifamaa tureenis kan namoota 243 argamuu fi sirnaan awwalamuus ibsaniiru.

Biiroon Komuunikeeshinii naannoo Kibba Itiyoophiyaa barbaachi reeffa namootaa dhaabsifamuu ibsus Jiraataa bakka balaan kun itti dhaqqabee kan ta’an Obbo Soloomoon Soomaa immoo har’ayyuu namoonni barbaacha reeffa namoota du’aniif laficha qotaa akka jiran sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Manguddoo naannoo Sanaa kan ta’an Obbo Ayyelee Bone bilbilaan Sagalee Ameerikaatti akka himanitti namoonni reeffa firoottan isaanii hin argatiin jiran ammayyuu barbaacha itti fufanii jiru jedhaniiru.

Hooggantuun Biiroo Komuunikeeshinii bulchiinsa naannoo Kibba Itiyoophiyaa Aadde Sennaayit Salamoon bakka balaan sigiga lafaa kun itti mudate keessaa namoonni Kuma shan baafamuun gargaarsi taasifamaafi jiras jedhaniiru jechuun Hawwaasaa Irraa Yoonaattan Zabdiyoositu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG