Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqatonni Haargeessaa Haala Hamtuun Nu Mudate Jedhu


Baqattoota Oromoo Haargeessaa somaalii laand keessa jiran bakka bu’uun,waa’ee rakkoo isaan mudatee dhaaba baqatootaa UNHCR waliin dubbachuuf jecha gara ministrii haajaa biyya keessaa kan somaaliilaand tti waamamanii kan turan baqatonni 20, guyyaa 8f eega hidhamanii booda gara daangaa Itiyoophiyaa Wucaaletti geessamuun dabarfamanii kennaman jechuun baqatonni dubbatanii jiru.

Kanneen gara biyyaatti deebisaman kana keessaa harka caalaan dhaaba baqatootaa biratti simatamanii kan waraqaa qaban ta’uu dubbatu.

Dhaabni baqatootaa kan Tokkummaa Mootummotaa ykn UNHCR hojjadhaa of gargaaraa jechuu gargaarsa kan nu irraa dhaabe ta’uus,lammiwwan somaamliilaand garuu biyya keenya gadhisaa ba’aa waan jedhaniif sodaa nageenyaaf jecha waaltaa tokko keessatti walitti qabamnee jirra jedhu baqatonni.

Rakkoo beelaa, dheebu akkasumas dhukkubaan kan ka’e ijoolleen afur du’anii achumatti awwaalle jedhu baqatonni. Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG