Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonii naannoo Tigraay Qobboo Seenaa jiru


FAYILII - Namoota qehee ofii irraa buqahanii buufata yeroo keessa jiran, Maqalee, Caamsaa 9, 2021.
FAYILII - Namoota qehee ofii irraa buqahanii buufata yeroo keessa jiran, Maqalee, Caamsaa 9, 2021.

Lammiieen naannoo Tigraay 500 ol ta’an Tigraayii baqatanii bahuudhaan godina walloo kaabaa magaalaa Qobboo seenaa jiraachuu isaanii gabasinii gabaasaa Sagalee Amerikaa Masfin Arragee ibseeraa.

Namoottaa Tigraayii baqatanii bahan keessaa kan gabaasaan VOA haasofsiise dubartiin tokko fi dhiironni lama akka jedhaniitii, hanqina midhaan nyaataa jiruu fi sodaa wal waraansii deebii’ee dhufuu danada’a jedhu irraa kan ka’e baqachuudhaaf dirqamaniiru.

Baqatoonni kun bakka boqotan waan hin qabneef yeroodhaaf buufata pooliisii keessa akka boqotaan kan ibesee gabaasaan VOA , buufata poolisii keessaa boqochuun nageenyaa isaaniis gaarii ta’us buufanni pooliisii manaa hidhaa waan ta’eef baqattoota kanaaf akka iddoon barbaadamuuf haanga’oonii polisii magaalaa qobboo himuu isaanii Eerera.

Dhimmaa kana ilaalchisee gabaasaan Sagalee Amerikaa Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa kaan haasofsiisee itti gaafatamaan dhimma gargaarsa naannoo Profeeser kindayyaa Geberehiyoot namootta daangaa naannoo Amaaraa ce’uudhaan feroottan isaanii gaafachuu deeman ta’uu malu jechuudhaan deebii kennaniiru.

Mootummaan feederaalaa akka dhimmichaa dihootti hordofaa jiruuf gargaarsa gochuu akka yaaluu, De’etaan Ministeeraa dhimmaa kominikeshiinii Kebede Deesisaa dubbachuu isaanii gabaasin Masfin Arraagee dabalee beeksiseera.

XS
SM
MD
LG