Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Oromoo Yaman Irraa Gara Jabuutii Geessaman Eessa Ga’an?


Baqattoonni Oromoo Yaman Irraa Gara Jabuutii Geessaman Eessa Ga’an?
Baqattoonni Oromoo Yaman Irraa Gara Jabuutii Geessaman Eessa Ga’an?

Baqattoonni Oromoo dhibba tokkoo fi shantamni sodaa nageenyaaf sababaa jedhuun Yaman keessaa fuudhamanii torban darbe moraa Loyaaddee jedhamu kan Jabuutii keessa qubachuu isaanii torban darbe ibsamee ture. Kunis achuma Jabuutii keessa akka qubatan gochuun gargaaruuf akka ta’e baqattoonni Jabuutii irraa dubbatanii jiru. Garuu, sababaa hin beekamneen baqattonni kun boca ykn foormii adda addaa akka guutan ta’e gara biyya jalqaba irraa dheessanii turan Itiyoophiyaatti deebifamuuf jiru sodaan jedhu jira ture.

Yeroo ammaa garu mooraan yeroof baqattoonni keessa bufatanii turan Loyaaddeen duwwaa dha kan jedhan baqattoonni biroon, jarri biyyatti deebifamuu isaaniif shakkii hin qabnu jedhu. Kamiisa darbe jechuun Sadaasa 14 bara 2016 immoo baqattoonni Oromoo digdamni achuma Jabuutii lafa bidiruu imalaa itti koran irraa Kamisa qabamanii kokolaataan Jimaata darbee gara Dirree Dhawaatti ergaman jedhu baqattonni Jabuutii keessaa.

Angawoonni dhaaba godaantoota addunyaa kan Jabuutii keessaa tokko biyyatti deebifamuu baqattoota 150 sanaa kan dhugoomsan ta’uus hedduun isaanii odeefanno hin qabnu jedhan.S ambata, Sadaasa 26 bara 2016 baqattoonni Oromoo heddumminaan dirree xayyaaraa Jabuutiitti argamuu isaaniis kanneen dubbatan ni jiran.

Godaantootas ta’e godaantoota fedhii isaaniin ala biyya irraa dheessanti deebisuu seera addunyaatu dhorka.

Gabaasa Kutaa 1 ffaa dhaggeeffadhaa

Gabaasa Kutaa 2 ffaa dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG