Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoota Afrikaa Imalaa Uffee Sahaaraa fi Galaana Meditraaniyaan Irratti Dhuman Oolchuuf Tarsiimoo Haaraa Dhiheessuu Isaa Dubbata, UNHCR


Jaarmayaan Dhimma Koolu-galtootaa, ka Tokkummaa Mootummootaa imala bala’amaa Uffee Sahaaraa fi galaana Meditraaniyaan keessatti lubbuu baqattoota hedduu fixe dhaabsisuuf mala haaraa fi gargaarsa doolaara Miliyoona dhibba afurii gaafataa jira.

Lakkoobsi baqattootaa fi godaantotaa karaa Libiyaa Awurooppaa seenanii dabalaa jira, ka jedhu – Jaarmayaan Dhimma Koolu-galtootaa, ka Tokkummaa Mootummootaa, akkasuma, lakkobsi baqattootaa fi godaantota otuu gara sanatti imalanii gammoojjii Sahaaraa fi galaana Medtraaniyaan keessatti dhumanii ka dabalaa jiru ta’uu dubbata.

UNHCR akka jedhutti, waggaa kana – baatiilee ja’an dabran keessa, namoonni otuu imala rakkisaa sanaan gara Xaaliyaaniitti ba’uuf yaalanii galaana Meditiraaniyaan keessatti dhuman. Lakkoobsi lammiwwan biyyoota Afrikaa otuu gara Liibiyaatti imalanii uffee Sahaaraa keesssatti dhumanii immoo kana caala jedhan – Jaarmayichi waa’ee baqattootaa ka Tokkummaa Mootummootaa.

UNHCR-tti ergamaan addaa, kan haala giddu-gala Medtraaniyaan keessaa – Vinsent Cochetel, namoonni gara Liibiyaatti imaluun bala’amaa akka tahe akeekkachiisu. Namoonni dhiheenya kana achi dhaqqaban irra hedduun isaanii waaltaalee hidhaa keessatti ugguramanii garii gidirfamaa, kaan saamamaa akka jiran dubbatu.

Jaarmayichi waa’ee Koolu-galtootaa, ka Tokkummaa Mootummootaa – UNHCR – karaa itti godaansa bala’amaa lubbuu uummata hedduu galaafate kana dhaabsiisuun danda’amu irratti, yaada tarsiimoo walii-galaa dhiheessaa jira. Waalataalee godaantotaa fi baqattoota itti simatan, biyyoota isaan keessaa baqatan, biyyoota isaan keessa dabran – Afrikaa Uffee Sahaaraa gadii fi Afrikaa gama Kaabaa keessatti, akkasumas, biyyoota Awurooppaa isaan dhaqqabuuf yaa’an keessatti dhaabuu of keessaa qaba tarsiimoon kun.

Waaltaaleen yokaan giddu-galawwan kun tajaajilawwan adda addaa akka kennan ka dubbatan – Mr. Cochetel, baqattoonni biyyoota keessa dabran keessatti waaltaalee yokaan giddu-galawwan ijaaraman sana keessa taa’anii hanga iyyannaan isaanii xiinxalamee deebii argatutti akka eeggatan akka abdii qaban dubbatan.

Baqattoota Afrikaa Imalaa Uffee Sahaaraa fi Galaana Meditraaniyaan Irratti Dhuman Oolchuuf Tarsiimoo Haaraa Dhiheessuu Isaa Dubbata, UNHCR
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:34 0:00

XS
SM
MD
LG