Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qormaata Xumura Barnoota Yuniversiitii Yeroo Jalqabaaf Itiyoophiyaa Keessatti  Kenname Barattoonni Dhibbeentan 60 Kufan


FAAYILII - Barattoota Yunversiitii irraa eebifamanii beeksisa hojii dubbisaa jiran.
FAAYILII - Barattoota Yunversiitii irraa eebifamanii beeksisa hojii dubbisaa jiran.

Itiyoophiyaa keessatti qormaata jalqabaa kan barattoota barnoota yuunivarsiitii xumuranii bahaniif kennameen barattoota dhiibba keessaa harki 40 qofni akka darban Ministeerri Barnootaa biyyatti beeksise jira. Itti Aanaa Ministirri Barnootaa, Obbo Saamu’eel Kiflee, ibsa gaazexeessitootaaf Sambata darbe kennaniin barattoota waliigalaa qormaata kana fudhatan keessaa dhibbeentaan 60 kan hin darbinee fi kanarraa kan ka’e kan hin eebbifamne ta’uu ibsaniiru.

Akka Obbo Saamu’eel jedhanitti lakkoofsi barattoota qormaata xumura barnoota yunversitii irratti kennameef taa’an walii galaan kuma 150 yoo ta’u, isaan keessaa kumnii 61 qormaata kana darbaniiru jechuu isaanii, Gabra Mikaa’eel Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaasee jira.

mg/jg/tg/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG