Yeroo ammaa addunyaa irraa biyyoota 70 keessa uummata jiraatu kan miliyoona 90 ta’u kan nyaachisu sagantaan nyaata addunyaa waggoota jaa’ataman darban keessa hongee argamee hin baaknetu gaanfa Afrikaa mudate jedhee jira.
Uummati miliyoonni kudhan hanqina nyaataa hamaa isaan mudaten beelaaf saaxilamuu isaanii jaarmiyichi beeksisee jira.
Itiyoopiyaa keessaa uummata miliyoona 3.2tu gargaarsa midhaan nyaataa kan yeroo hatattamaa kan eeggatan ta’uu kan ibse WFPn Kenya keessaa uummata miliyoona 3.5 Somalia keessaa immoo uummati miliyoonni 2.5 Ugaandaa gama baahaa keessaa kuma 600 fi Jibuutii keessaa uummati kuma 120 beela’uu isaanii beeksisee jira.