Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Bilinken daawwannaa isaanii isa 9ffaa gara Giddu Galeessa Bahaatti gaggeessan osoo Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu hin mirkaneessiin xumuranii jiru. Kibxata kaleessaa akeekkachiisa kennaniin, Hamaasii fi Israa'el qormaanni akka jiru mallattoo agarsiisanitti illee ''yeroon hundee dha'' jedhan.
Bilinken qondaaltota biyyoota maanguddummaan gidduu seenan fi waliin hojjetan Masrii fi Qaxar waliin erga wal arganii booda, Israa'el yaada garee hidhattoota Haamaas waliin qaawwa jiru cufuuf dhihaate waan fudhatteef, xiyyeeffannaan jiru gara ''Hamas kana keessa galchuuf'' waan danda'amu hunda gochuutti akka ce'uuf dubbatan. Maanguddonnis, waliigaltee tokko hojiirra oolchuuf gamii lachuu dhimma ijoo irratti akka walii galan mirkaneessuus qabu. Blinken akka jedhanti, yaadni riqicha ta’e ceesiisa jedhamu kun ''sagantaa fi bakka waraanni Israa'el Gaazaa keessaa bahu irratti baay'ee waan ifa ta’e lafa kaa’eera'' jedhan.
"Ergaan keenya salphaa. Ifaa fi ariifachiisaadha," jechuun Qaaxaar gadhiisanii osoo hin deemin dura Biliinken gaazexeessitootaaf ibsaniiru. "Toora xumuraa irratti waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi dhimma bojiamtootaa furuu qabna, amma gochuu qabna. Yeroon hundee fi murteessaa dha jedhan" Hamaas Kibxata kaleessaa dursee yaadii ammaa kun faallaa waan irratti walii gale duubatti deebisuu jechuun Yunaaytid Isteetis haal-duree haaraa Israa’el irraa dhufuuf hayyamte jechuun himate. Kana irratti deebii battalaa Yunaaytid Isteetis kennitee hin jir
Forum