Mormii Oromiyaatiin booda labsiin yeroo atattaamaa mootummaan Itoophiyaa labse namoota kumaan lakkaawwaman hidhaati naqsiiseera. Gaazexesitoonnii fi barreesitoonni ammi tokkos to’annaa jala olfamanii turan. Kanneen hidhaa dha bahan keessaa Raadiyoonii Sagalee Ameerikaa wajjin gaafii fi debii an godhan barreesitoonni sadi'i, ”ammas taanan hawaasa ballaa sagalee dhabeef sagalee ta’u, barreesuu fi yaada keenya ibsaachuu itti fufna” jedhan.
Ardii Afrikaa keessatti biyyoota gaazexeessotaa hidhuudhan beekakkaman keessaa Masrii fi Eertiraati aantee Itoophiyaan sadaffaa’rra jirti.
Akka dhabbata mirga gaazexeesitoota eegsisuuf hojjatu CPJn jechutti, bloogaroonni (gabaastonni interneetii irraa) Itoophiyaa keessatti iddoo guddaa qaban. Sababni isaas gaazexeesoonni Itoophiyaa hedduun biyya bahuu akkasumas baruuleen dhuunfaa fi walabaa baayyeen cufamu irra an ka'e ta'uu tarreessa, CPJn.
Gaabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa
Guyyaa Miidiyaa Adunyaa baranaa laalchisuudhan, mummichaa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guteerees ergaa armaanii gadii kana dabarsan.