El Nino,jijjiiramii qilleensa addunyaa ka baranaa waan hedduun dhufe. Itoophiyaa lafa hedduu midhaan irraa balleesse,hedduu baqachiise,manneen hedduu caaccabse,Oromiyaa keessaa nama 20 caalaatti tanaan lubbuu dhabe.
Akka Rootersii kalee gabaasetti ji’a dabre qofa keessa lolaan Itoophiyaa nama kuma 120 baqachiisee nama 500,00 dhiyaatu onaa baasuuf deema.
Lolaan kun akka Rooytersi dhaaba godaantota gargaaru [IOM] maqeeffatee jedhetti ji'a jaha qofa keessaa nama 119,711 baqachiise.
Itoophiyaan ammaan tana bokkaa Afraasaa argachuutti jirti.Bokkaan Itoophiyaa akkuma naannoo isaatti maqaa akka akkaa qaba.
Arfaasaa kana keessaa akka gabaasa Rooytersitti bokkaan kun nama kuma 485 fi 610 onaa baasuuf deema.
Bokkaan kun akka itti aanaan koomishineera koomishiina Ittisa Balaatii fi Qophaahina Oromiyaa,obboo Garramuu Oliiqaa jedhutti midhaan lafa qarxii kuma 18,357 irratti facahe.
"Oromiyaa keessaa rakkoo lolaatiin nama 28 lubbuu dhabee" jedha koomishiinii Ittisa Balaa Oromiyaa"
Mootummaan koreelee sektera gara garaa irraa walti dhufteen ummata gargaaruutti jiraa jedha obboo Garramuun.
Tana maleellee akka jecha komishinera kanaatti Oromiyaatti namii duruu sababa bonaatiin gargaarsa eegatu amma miliyoona 3.7 ammallee rakkoo dhiyoo tanaallee yoo itti dabalan kana caala.
Akka ogeettion raaqa qilleensa biyyoolessaa aadaaa Caalii Dabalee jettuttti naannoon Itoophiyaa cuftii amma bokkaa argachuutti jirti,ejensiin isaaniilleen akka ummatii tana quba qabaatee ufi eegatu ejensiin isaanii gorsumatti jira.