Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Booranaa Keessatti Mucaa Waggaa Sagalii Tu Eegdota Daangaa Itiyoophiyaatiin Ajjeesame


VOA Afaan Oromoo
VOA Afaan Oromoo

Kaleessa Mooyyalee bakka Arballee jedhamutti Eegdonni daangaa Itiyoophiyaa konkolaataa tokko irratti dhukaasa bananii daa’ima ganna 9 ajjeesuu fi nama tokko ka biraa madeessuu jiraattonni Mooyyalee dubbatanii jiran. Daa’imi ajjeefame maqaan isaa Badhaanaa Taganee ka jedhamu yoo tahu, har’a namni bahee akka awwaale abbaan isaa obbo Taganee Raggaasaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Baqattoota gargaaruutti ka jiran Miseensi Waldaa Barattoota Ijoollee Booranaa, Ka Keeniyaa -- Horaa Korophisoo, kaleessa daangaa Itiyoophiyaa keessa ka jirut Arballeetti daa’imni sun ajjeefamee, reeffi isaa gara Keeniyaatti dhufuu dubbata. Gama biraatiin immoo, jaarsoliin naannoo, baqattoota ajjeechaa baqatanii daangaa Keeniyaa keessa jiran akka gara qe’ee isaaniitt deebi’an gaafannaan “haga magaalattiitti nageenyi guutuun deebi’utti ofirra hin deebinu” jechuun didan jedhu. Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:04 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG