Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boordiin Filannoo Itiyoopiyaa Hanqinni Loogistikaa Yeroon Galmeessuu Filattootaa Boodatti Harkise Jedhe 


Galmeessuun filattootaa kan filannoo marsaa ja’affaa biyyoolesaa kutaalee biyyattii tokko tokko keessatti hanga yoonaa kan hin jalqabamneef sababaa rakkoo loojistikaan ta’uu boordiin filannoo biyyoolessa Itiyoopiyaa beeksisee jira.

Dubbi himtuun boordichaa Sooliyaanaa Shimellis VOAf akka ibsanitti, boordiin filannoo torbanneen lamaan itti aanan keessa haala jiru ilaaluu dhaan yeroo itti galmeessan dheeressuu mala jedhan.

Akka yeroo filannoo boordii filannoo biyyoolessaa Itiyooiyaan lafa kaa’ameti, lammiiwan galmeeffaamuuf Bitootessa 25-Ebla 23tti yeroo qabu jedhameera.

XS
SM
MD
LG