WAASHINGITAN, DIISII —
Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti torban tokkotti Bosonnii Godiinaalee 3 keessatti ibiddaan gubachuu waajirri waa'ee Bosonaa fi beeleedaa kan naannoo snaa beeksisee jira.
Ballaa Ibiddaa kanaan laftii Heektaara 1100 irra Bosonni jiru gubachuu fi miidhaan dhaqqabuun ibsamee jira.Ittiin ka'uumsii balaa kanaa qoratamaa akka jiru aangawoonni ibsanii jiran.
Anaalee godiina Shawaa Kaabaa keessaa kan gubatee aanaa Menz Geeraa Midiir yoo ta'u iddoon biraa immo Walloo Kibbaa aanaa Dalaantaa ta'uun ibsamee jira.
Paarkiin biyooleessaa kan gaarreen Kaabaa torban dabree balaan ibiddaa isa mudachuun ni yaadatama.