Boordiin filannoo Keeniyaa ba’ii filannoo Prireezedaantummaa biyyattii Onkoloolessa 26 gaggeeffame har’a beeksisee jira. Boordichi, har’a, giddu-gala yokaan waaltaa filannoo Boomaas, Keeniyaa jiru irraa akka beeksisutti, ka biyyattii waggoota shanan darbaniif hoogganaa turan Uhuuruu keeniyaattaa sagalee dhibba keessaa harka 98 argachuun injifatan. Garuu kutaalee bulchiinsaa Keeniyaa 4 keessatti dhabamuu nageenyaatiin kan ka’e filannoon akka hin gaggeeffamin hafe, Itti Aanaan Koomishineraa Boordii Filannoo Keeniyaa Konsolaataa Ingaataa beeksisanii jiran.
Filannoo kanatti hirmaachuu ka lagatan - hoogganaan gamtaa paartii mormituu Keeniyaa -- Raayilaa Odiingaa garuu, filannoo kana irratti “Uhuruu tu Uhuruu waliin dorgome” jechuun, waliin-dhahamaa tahuu dubbatan.
Galmoo Daawit Naayiroobiidhaa gabaasa itti aanu nuuf ergeera