Barsiisoni godina Koree aanaa Sarmalee keesaa jiran, Roobii darbe Saddasa 11 bara 2017 kaasee kan hidhaman, fedhii isaanii malee mindaan irraa cituu mormuudhaan hojii dhaabuu isaaniitin kan ka’e akka ta’e maatiin isaanii sagalee Amerikaattif ibsaaniiru.
Bulchaan aanaa Sarmalee obbo Gooshuu Geetaachewu, barsiisonni sun kan hidhaman barsiisonni biroo akka hin barsiifnee waan dhorkuu yaalaniif akka ta’e kan ibsan yemmuu ta’au, prezidaantiin waldaa barsiisota kibbaa Ityoophiya obbo Amaanu’eel Phaawuloos, barsiisonni godina Koree hidhamuudhaaf reebamuu isaanii ilaalchisee akka gabaasnii isaan qaqqabee beeksisaniiru.
Ittuu mariin irratti hin tasifamin mindaa barsisotaa kutuuni fi wareen morman immoo hidhuun sarbiinsa mirga namoomaa akka ta’e kan ibsee waldaan barsiisotaa godina Koree , barsiisotaa kan hidhee aanaa sarmalee akka ta’e beeksiseera.
Itti gaafatamaan waajjiraa barnootaa godina Koree obbo Siber Ashagree, barsiisonni lakkoofsii isaanii addaan bahee hin beekamnee bulchiinsa aanaatiin hidhaamuu isaanii mirkaneessaniiru.
Sadaasa 11 bara 2017 jalqabee barsiisonni aanicha keessa jiran 683 mormii hojii dhaabuu waan jalqabaniif mannoottan barnootaa 27 keessa kan baratan barattonni kuma 8 fi 974 baruumsaa argachuu akka hin dandeenyee namoottan eenyumaa isaanii ibsuu hin barbaanne waajiraa barnootaa aanaa Sarmallee irraa ibsuu isaanii Yoonaatan Zebdiyoos Hawaasaa irraa gabaaseera.
Forum