Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti kaleessaa fi har’a, walitti-bu’insi hammaachuu fi matammaa keessatti lubbuun namaa hedduun dhabamuu fi qabeenyaan barbadaa’uu dubbatu, jiraattonni naannoo sanaa, kanneen akka maqaan isaanii himamu hin feene. Akka jiraattonni naannoo sanaa fi bakka-bu’oonni jedhanitti, Manni hidhaa Dabre-taabor gubachuun isaa fi Ambaa-giyoorgis keessattis lubbuun namaa dhabamuun, akkasumas, irra-jireessa magaalaalee ka guutummaa bulchiinsa naannoo sanaatti humna ittisaa mootummaa bobbaan isaa beekamee jira. “Dhukaasni illee otuu wal irraa hin citiin dhaga’amaa ture” jedhu – jiraattonni fi bakka-bu’oonni paartii.
Dubbi-himaan mootummaa naannoo sanaas, mootummaan isaanii haala naannoo sanaa tasgabbeessuuf kan hojjetaa jiru ta’uu dubbatanii, odeeffannoo ragaan deggerame boor akka kennuu danda’an, waahela keenya Tsiyoon Girmaaf waadaa seenanii jiran. Nutis akka odeeffannoo dadalataa argannetti kan dhiheessinu ta’uu sin beeksisna.