Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Yeroo Kan Naannoo Tigraay Hooggansi ABUT Fongolcha na Irratti Geggeessuuf Shire Jechuun Himate


FAAYILII - Hogganaa Naannoo Tigraay Geetaachoo Redaa walgahii keesstti.
FAAYILII - Hogganaa Naannoo Tigraay Geetaachoo Redaa walgahii keesstti.

Bulchiinsi Naannoo Yeroo kan Tigraay hoggansi ABUT bulchiinsa isaa irratti fonqolcha geggeessuuf shire jechuun Himate. Ibsa maqaa “Koree Giddugaleessa ABUT” jedhuun Roobii darbe baaseen, bulchiinsi Naannoo Yeroo kan Tigraay, hooggantoonni ABUT mootummaa naannichaa diiguuf hojjechaa akka jiran himatee jira.

Oduun kun kan dhaga’ame Koreen Giddu-galeessaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay kan kora 14ffaa falmisiisaa ta’eem filatame, Geetaachoo Redaa fi namoota siyaasaa ABUT michuu ta’an biroo 15 irratti himannaa wal fakkaatu erga dhiheessee guyyoota lama booda.

Koreen giddu-galeessaa ABUT obbo Geetaachoo Redaa fi namoota 15 kaan paarticha diiguuf hojjetan ittiin jedhe paarticha keessaa ari’uu kan beeksise yoo ta’u, gama obbo Geetaachoon tarkaanfiin kun kan fudhatama hin qabaanne ta’uun ibsameera.

Obbo Geetaachoo fi michoonni isaanii seera qabeessummaa gama Debretsioniin paarticha keessaa ari’atamuu isaanii falmaniiru. ABUT Debretsion GebreMikaa’eliin durfamu immoo obbo Geetaachoo faan kana booda maqaa dhaabichaan socho’uu hin danda’an jedhee jira. Adoolessa 13 bara 2024 Finfinnee keessatti ibsa kan kennan gaanfa Afriikaaf jilli addaa kan Yunaayitid Isteetis Maayik Hamer, hoogganoonni ABUT kanneen hojjetaa jiran, pritootiyaatti walii galtee irra ga’ame qajeelfama godhachuu isaanii akka mirkaneessan gaafataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG