Burkinaa Faasoo keessaa ijoollee ol adeemtota dabalatee yoo xiqqaate namoonni 400 himannaan shororkeessummaa irratti dhiyaatee murtii eeggataa jiran. Henry Wilkins Owagaa-duuguu keessaa miseensota maatii kanneen danqaan seeraa isaan mudate haasofsiisee jira.
Houretou Sidibé akka jedhanitti ilma isaanii dabalatee firoonni isaanii sadii mana hidhaa nageenyi isaa akkaan eegamu kan Burkinaa Faasoo keessatti erga hidhamanii qabee waggaa sadiif hidhamaniiru. Maaliif akka qabaman hin beeku jedhan.
Burkinaa Faasoon waggoota torba dura garee hidhatan kanneen IS fi al-Qaidattii hidhata qabanii fi kashlabboota naannoo irratti waraansa bantee as lammiiwwan ishee 400 ta’an shororkeessummaatti shakkamuun to’annaa jala jiru. Kanneen keessaa ijoollee umuriin isaanii waggaa 16 gadiitu keessatti argama.
Biyyattiin Afriikaa dhiyaa yakka shororkeessummaa, seera adaba yakkaa bara 2019 keessa baste. Hanga ammaatti garuu namoota lama qofaatu himannaan shororkeessummaa irratti dhiyaachuun mana murtiitti dhiyaatan.
Garee mirga namaaf falmu kan Burkinaa Faasoo kan hoogganan Daouda Dialo akka jedhanitti hidhamtoonni hangi tokko hanga waggaa shaniitti kan yakka ilaalchatti hin dhiyaatin eega jirantu jiru.
Haqi mirkanaa’uu dhabuun hookkara itti dabalaaf akkasumas seeraan ala humnoonni seera eegsisan tarkaanfiin fudhatan hammaataa adeema jedhan.