Xurree ittiin seenan

Breaking News

Busaan qorcha dandamatu Afrikaa keessatti argamuun yaadoo uume


Qorannoon sayintistootaa biyyaa Ingalaandiin taasifamee Roobii kaleessaa Baruulee ze Niwu Ingilaand Jornaal oof Mediisin jedhamu irratti maxxansame bahee akka jedhetti dhukubnii busaa qorchaa dandamachuu danda’u Afrikaa keessatti aragamaa jira.

Qorannoo barra 2019 jalqabee Yugaandaa keessatii taasifameen dhukubnii busaa dhibeentaa 20 halla isaa duraanii geeddaarateera. Kun immoo qorichii Kanaan dura dhukubichaaf kennamaa turee dandeetiin fayyisummaa isaa akka xinnaatu taasisa jedhameera.

Busaan qorchaa dandamatu duraan ardii Eshiyaa keessatti kan argamee yemmuu ta’u yeroo ammaa Afrikaa keessatti biyya yugaandaatii alattis baballchuun isaa akka hin oolle beektonii himaniiru.

Dhukubnii busaa bookeedhaan daddarbu kun waggaatti lubbuu namootta 400,000 kan galaafatu yemmuu ta’u , caalaan isaanii daa’iman wagga shanii gadii fidubartoota ulfaa akka ta’ee qorannoon hin ibsa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG