Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Gondor Lixaa Keessatti Argamu Buufata Baqattootaa Kumaar Keessatti Haleellaa Hidhattootaan Raaw'atameen Poolisoonni 10 Ajjeesaman 


FAAYILII - Naannoo Goondar fi Daanshee, Caamsa1, 2021.
FAAYILII - Naannoo Goondar fi Daanshee, Caamsa1, 2021.

Buufata baqattootaa Kumaar kan lammiileen Eritiriyaa , sudaanii fi sudaan kibbaa keessatti argaman naannoo Amaaraa Godina Gondor lixaatti argamu cinaa waajjira poolisii jirurratti guyyaa kaleessaa gaafa Adooleessa 10 bara 2016 halka halleellaa hidhattootaan irratti banameen dhuukasni jiraachuu namoonni sagaleen Ameerikaa dubbiseeru himaniiru.

Baqataan lammii Sudaan ta’ee fi buufata kana keessa jiraatu nageenya isaaf sodaa qaburraa maqaan isaa akka himamu kan hin feene sagalee Ameerikaatti akka himetti poolisoonni eegdoota buufata baqattootaa kanaa ta’an Sgal ajjeefamuu fi Afur immoo madaa’aniiru jedhanii hidhattoota halleellicha bananirraammoo namoonni lama du’uu dhagahuus dubbataniiru. Akka namni kun jedhanitti wayita humnoonni nageenyaa fi hodhattootaa kun walittti dhukaasaa turanitti Mucaan waggaa saddeetii kan baqattoota Sudaniirraas rasaasaan harka isaarra dhahamee madaa’uus himaniiru.

Dhimma kanarratti karaa ergaa Imeeliin sagalee Ameeriikaaf deebii kan kenne dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Komishiniin dhimma baqattootaa Kaleessa lafa barii sa’aatii 11 irratti buufata poolisii Federaalaa kan buufata baqattootaa Kumaar cinaatti argamu irratti halleellaa hidhattootaan fudhatameen miseensonni poolisii Kudhan ajjeefamuu isaanii dhageenyeerra jedheera. Itti dabaluunis halleellaa kanaan poolisoonni lakkoosi isaanii addaan hin baafamne madaa’uu fi kanneen butamanii fudhatamanillee akka jiranis ibsee daa’imni waggaa Saddeeetii kan lammii Sudaan wal dhukaasa ture keessatti rasaasaan rukkutamee madaa’uu isaas mirkaneesseera.

Itiyoophiyaatti tajaajila Godaantootaa fi warra godaansarraa deebi’anii kan damee Gondoritti hoogganaa kan ta’an Obbo Isaayyas Yooraa dhimma kanarratti gaafannee walitti bu’insi jirachuu isaa dhaga’uu ibsanii miidhaa dhaqqabeeru garuu ammaaf odeeffannoo mirkanaa’e hin arganne jedhaniiru.

Dhimma kanarratti bulchiinsa Naannoo Amaaraatti warra dhimmi isaa isaan ilaalltu aanaarraa kaasee hanga naannoot deebii argachuuf yaaliin taasise naaf hin milkoofne jechuun Finfinneeraa Gebiremikaa’eel Gebiremedihiinitu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG