Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormii Buunoo Beddellee Keessatti Geggeessame Irratti Lubbuu Namaatu Darbe


Naannoo Oromiyaa godina Buunoo Beddellee aanaalee shan keessatti torbee sochiiwwan mormii geggeessamaa turan bifa isaanii jijjiiruu dhaan jiraattota naannoo fi kan naannoo snaa hin taane irratti haleellaan raawwatamuu jiraattonni nuuf ibsanii jiran.

Walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namoota kudhanii darbuu, manneen jireenyaa 52 ta’an kan gubatanii fi namoonni 1500 ta’an illee qe’ee isaanii irraa buqqa’uu itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii godina Buunoo Beddellee obbo Leeykuun Takkaalny ibsaniiru.

Aanaalee Beddellee, Gachii, Cooraa fi Deeggaa keessatti torban tokko dura hiriira jalqabametu dhuma irratti gara hookkaraatti jijjiramuu dhaan baduu lubbuu namaa fi qabeenyaan manca’uuf sababaa ta’ee jedhu itti gaafatamaan waajjira kanaa. Haala isaa tasgabbeessuuf illee hoogganoota amantii, jaarsolii biyyaa fi qaamotiin mootummaa uummata waliin marii geggeessuu dhaan amma nageenyi bu’ee kan jiru ta’uu illee dubbataniiru.

tasgabbeessuu irratti hojjetaa jiran naan jedhan obbo Mehiddii Jamaal dubbiseen ture.

Hiriira Mormii Buunoo Beddellee Keessatti Geggeessame Irratti Lubbuu Namaatu Darbe
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:01 0:00

XS
SM
MD
LG