Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caama Godaansaa fi Dhukkuba


Biyyoota gaanfa Afrikaa fi kanneen biroo ollaa ta’an keessatti, Gifiraa fi bishaan qulqulluu dhaba irraa dhukkuboota maddaniin lakkofsii namoota qabamanii haal hamaan dabaluu isaa, jaarmayaan fayyaa addunyaa beeksisee jira.

Garaa baasaa ykn yaasaa hamaan keniyaa fi Itiyoophiyaa keessatti yaaddoo jabaa uumuun isaas ibsamee jira.

Jaarmyaan da’immanii UNICEF jimaata darbee akka gabaaseetti, Itiyoophiyaan bara keessa jirru 2011 keessa kanneen dhukkuba Gifiraan qabaman kuma 17 fi 584 akkasumas kanneen dhukkuba kanaan du’an 114 qabdi jedha. Rakko kana hambisuuf jecha talaaliin farra Gifiraa ijoolleef akka kennamuuf WHO..n gaafateera.

Balaan caamaa biyyoota gaanfa Afrikaa jechuunis Itiiyoophiyaa, keniyaa somaliyaa, Ertraa fi Jabuutii mudate kun uummanni iddoo tokko iddoo biraatti akka godaanu waan dirqisiisaa jiruuf jecha faca’inni dhukkubootaas akkasuma hammaachuun ibsamee jira.

Dubbi himaan jaarmayaa fayyaa addunyaa Tarik Jasarevich akka jedhanti, uummanni Itiyoophiyaa kan naannoo caamaaan akka hamaatti dhahame keessa jiraatu keessatti
ijoolleen miliyoona 2tti tilmaamaman kanneen umriin isaanii 5ni gad ta’e, dhukkuba Gifiraaf saaxilamoo dha.

Miliyoona 5 kan ta’an immo dhukkuba koleeraatiif saaxilamuu malu jedha jaarmayaan fayyaa addunyaa. Dhukkubi Gifiraa maali?

MP3 tuquun gabaasa guutuu dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG