Jilli kongireesii Yunaayitid Isteetis kan af-yaa’ii mana maree Naansii Peloosiin durfamu, Chaayinaan daawwannaa kanaaf deebii waraanaa akka kennitu dhaadachuun akeekkachiistuus Kibxata galgala Taayiwaan seenee jira.
Jilli Pelosii dhaan durmfau buufata xiyyaaraa Taipei Song-shan kan dhaqqabe akka sa’aatii biyya sanaatti galgala keessaa sa’a tti. Jilli kana angawoonni Taayiwaan simatanii jiran.
Peeloosiin Roobii borii pirezidaantii Taayiwaan Tsai Ing-wen fi miseensonni mana maree olaanoo biroo waliin wal arguuf akka jiran miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Torban hedduu dhaaf gabaasaaleen miidiyaalee kan Chaayinaa qeequun beekaman Peeloosiin, qaama daawwannaa iisaanii bal’aa ta’e kan Eeshiyaa tti geggeessaniin Taayiwaanitti goruu fi dhiisuu isaanii tilmaamaa turan.
Chaayinaan daawwannaan kun waan abbaa biyyummaa ishee odola ofiin bultu kana irratti qabdu aakka cabsuutti ilaalama jechuun fudhatama hin qab u jechuun akeekkachiifteetti.
Kibxata darbe dubbi himtuun ministeera haajaa alaa Chaayinaa Huwaa Chunyiing daawwannaa yaadame kun ''gowwummaa, balaa fi qumaara hin barbaachifne jechuun dubbataniiru.
Forum