Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Basaasa Saaybarii Gaggeessuu Ishee Yunaaytid Isteetis Beeksiiftee Jirti


FAAYILII - Alaabaa Yunaaytid Isteets fi Chaayinaa Olompikii Wiinter Olompikii irratt, Zagijaakuu, Chaayinaa, Guraandhala 2, 2022.
FAAYILII - Alaabaa Yunaaytid Isteets fi Chaayinaa Olompikii Wiinter Olompikii irratt, Zagijaakuu, Chaayinaa, Guraandhala 2, 2022.

Namoonni Chaayinaa gama interneetii hanna odeeffannoo ala yokaan basaasa gaggeessan fageenya irraa buufataalee hojii hedduu fi galmeelee arguun dhorkaa hintaanee ykn iccitiin hin qabamne seenuu isaanii Ministeerri Maallaqaa Yunaaytid Isteetis Wiixata kaleessaa beeksisee jira.

Kunis kana ta’e, erga dhaabbata tajaajila sooftiweerii dhiyeessuu kan qaama sadaffaa irratti miidhaa geessisanii booda. Ministriin maallaqaa buufataalee hojii meeqa akka seenan ykn galmeelee akkamii haakeroonni argachuu akka danda'an bal'inaan hin ibsine.

Gocha raawwatame jedhame kana ''gochaa farra-nageenya saayibarii guddaa'' jechuun qorachaa akka jiru ibseera. Dubbi himaan ministeera haajaa alaa Chaayinaa Maa’oo Niing Kibxata har’a Beejiing keessatti ibsa oduu kennaniin himannaa kana haalaniiru.

"Himannaa bu'uura hin qabne fi raga hin qabnee akkasii irratti irra deddeebiin ejjennoo keenya ibsineerra. Chaayinaan yeroo hunda gocha hannaa ykn haakarootaa gosa hundaa yeroo mara mormaa turte jedhan Chaayinaa irratti odeeffannoo sobaa kaayyoo siyaasaaf facaasuu sana nuti immoo caalaatti mormina" jedhan.

Qondaaltonni Yunaaytid Isteetis duula basaasa saayibarii guddaa Chaayinaa kan Saalt Taayfuun (Salt Typhoon) jedhamuun beekamu kan qondaaltonni Beejiing barreeffamoota dhuunfaa fi haasawa bilbilaa lammiilee Ameerikaa lakkoofsi isaanii hin beekamne akka argatan taasise sana irratti ciminaan hojjachuu itti fufaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG