Jarmayaan gargaarsa namoomaa tokko akka jedhetti tamsa’inni vaayiresii koronaa hanqina wabii nyaata addunyaa hammeessuu dhaan rakkoo beelaa fiduu mala jedhee jira.
Kan Yunaayitid Isteetis keessa maadheffate jaarmayaan CARE jedhamu addunyaa irraa lakkoobsi namoota hanqinni nyaataa hamaan isaan mudatu xumura waggaa kanaatti miliyoona 270 ga’uu mala jedhee jira.
Jarmiyaan kun akka jedhetti uummati Laatiin Ameerikaa keessaa hanqinni nyaataa isaan mudate dachaa sadii kan dabale yoo ta’u, dhiya afriikaa keessaa immoo dachaa dabalee jira. Afiriikaan kibbaa immoo dhibba irraa harka 90tu ishee mudachuuf jira jedhee jira.
CARE akka jedhetti biyyoonni dureeyyii ta’an iyyuu rakkoon wabii nyaataa kan isaan mudate yoo ta’u, Briteen keessaa nama 4 keessaa 1 nyaata madaalamaa argachuuf rakkata. Yunaayitid Isteetis keessaas erggga weerarri vaayiresii kanaa jalqabee qabee uummati miliyoona 6 ta’u gargaarsa midhaan nyaataa argachuuf galmaa’ee jira.
Biyyoonni hedduu fi kampanileen dawaa oomishan talaalii COVID-19 milkaa’inaan hojjetu dhiyeessuuf wal dorgomaa ennaa jiran kanatti, abuunichi kaatolika Roomaa Pope Fraansis kaleessa akka jedhanitti biyyoonni dureeyyii ta’an yoo ennaa talaalliin kun dhiyaatu dursa argatan gaarii hin ta’u jedhan.
Weerarri kun rakkoo addunyaa ti. Rakkoo akkasii keessaa wal qixa hin baatu. Mala wayyaawaa ta’een keessaa ba’uu qabna jedhan. Tamsa’inni vaayiresichaa hiyyeeyyii irratti hammaata jedhanii kuns sababaa wal caalmaan addunyaa dhuunfateef jedhaniiru.
Vaayiresichi eenyuufuu hin loogu garuu adda addummaan jiru balaa hamaa qaba jedhan.
Gabaasi gaazixaa New York Times har’a maxxanse akka jedhutti angawoonni magaalaa Chaayinaa Wuhaanii fi Hubeeyii bakka xumura waggaa darbee vaayiresiin koronaa keessatti argame
Mootummaa giddu galeessa Beejiing jalaa odeeffannoo dhoksan jedha. Gaazixaan kun akka jedhetti gabaasi keessuu yaada walii gala kan paartiin koministii Chaayinaa odeeffannoo barbaachisaa addunyaa jalaa dhoksa jedhu ni deggera jechuu dhaan, kunis muddama dipilomaasymmaa bulchiinsa Trampii fi Beejiing gidduu jiru hammeesse. Gabaasi kun itti dabaluu dhaan garuu angawoonni Chmaayinaa kan naannolee maal na dhibdee dhaan vaayiresiin kun Wuhaan irra darbee akka tamsa’u taasisan kan mul’isu illee jira jedheera.
Komiishinni gamtaa Afriikaa hanga ol aantummaa seeraa bakkatti deebi’ee hoogganoonni mootummaa hiikamanitti Maalii miseensummaa tokkummaa Afriikaa qabdu kan rarraasu ta’uu beeksisee jira.