COVID-19 qilleensa keessa sa’aatilee dhaaf turuu akka danda’u waaltaan to’annoo fi dhukkubootaa Ameerikaa CDCn amanee jira.
CDCn yeroo dheeraa dhaaf vaayiresiin koronaa irra hedduu namoonni yoo metra lama walitti siqanii jiraatan akka daddarbu beeksiaa ture.
Waaltaan kun kaleessa marsariitii isaa irratti gabaasa haaressuun baaseen qorannaalee hedduun akka mirkaneessanitti vaayiresiin kun namni COVID-19 qabu metera lama namatti siqee ykn naannoo tokko turee yoo deeme haala hin barataminiin qilleensa keessa faca’ee turuu danda’a jedhee jira.
Qajeelfamni haareffame kun akka jedhutti haala akkasiin kan daddarbu yoo kutaa sirriitti qilleensi keessa hin deddeebine bakka namoonni hedduun jiran,kan akka faarfachuu ykn kutaa spoortii keessatti hojjetan bakka hafuura baafachuu cimaan jirutti mudata jedha.
Ji’a darbe CDCn qajeelfama wal fakkaatu marsariitii isaa irratti baasee guyyoota muraasa booda xiinxala hayyootaan hin mirkanoofne jechuun kaasuun isaa ni yaadatama.
Jarmayaan fayyaa addunyaa akka jedhetti naannoo addunyaa keessaa namoota kudhan keessaa tokko tarii vaayiresii koronaan qabamee jira.
Lakkoobsi namoota addunyaa kanneen vaayiresii kanaan qabamanii miliyoona 35 kan darbe yoo ta’u kanneen vaayiresii koronaan qabamanii du’an immoo miliyoona tokko darbuu waaltaan qorannaa Yuniversitii Joons Hopkins beeksisee jira.
Biyyoonni Awrooppaa hedduun vaayiresii kanaan kan dha’aman yoo ta’u, Jarmaniin kaleessa akka gabaastetti walumaa gala namoonni 300,000 ta’an vaayiresii koronaan yoo qabaman, Briteen keessaa 500,000, Ispeen immoo Awrooppaa keessaa lakkoobsa namoota vaayiresii kanaan qabaman isa ol aanaa kan qabdu yoo ta’u uummata 800,000tu koronaan qabaman.