Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hayyu-dureen ABO Walga’iin Waajira Gullalleetti Geggeessames Ehama Koo fi Qajeelfama Dhaabaatii Ala, Jedhu 


Hayyu-Duree ABO, Obboo Daawud Ibsaa Waliin
Hayyu-Duree ABO, Obboo Daawud Ibsaa Waliin

Hayyu-dureen ABO Guyyoota Kudhaniif Manatti Ugguramuu Eeranii, Walga’iin Waajira Gullalleetti Geggeessames Ehama Koo fi Qajeelfama Dhaabaatii Ala, Jedhu 

Hayyu-dureen Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Daawud Ibsaa erga humnoota naga-eegumsaa Mootummaatiin manaa bahuu dhorkamanii akkasumas telefoona harkaa dabalatee tajaajilli quunnamtiin hundinuu irraa citee guyyootni 10 darbruu Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti dubbatan.
Eyyema isaanii fi qajeelfama dhaabichaa tii ala qondaaltotni olaanoo muraasni walgahii geggeessan, jedhu.

Kan walga’icha hoogganan, jedhaman itti-aanaa hayyu-dureen ABO Obbo Araarsoo Biqilaa immoo "Kan walga’ii sana irratti mari'anne dhimmuma dhaabaafi miseensota keenya hidhamanii ti," jedhan.

Obbo Daawud maaliif akka manatti ittifamanii fi humnoota naga-eegumsa mootummaan eegaman, akkasumas maaliif bilbila dabalatee tajaajilli quunnamtii akka irraa cite deebii gama mootummaa irraa argachuuf yaaliin Komishinii Poolisii Federaalaarraas tahe ka Finfinneetti bilbillee deebii argachuu yaalleyyuu itti hin milkoofne.

Dubbi-himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhimma kana quba hin qabu. Poolsii Federaalaa irraas tahe Poolisii naannoo irraa waan nutti himame hin jiru, jedhan.

Caqasaa

Hayyu-dureen ABO Guyyoota Kudhaniif Manatti Ugguramuu Eeranii, Walga’iin Waajira Gullalleetti Geggeessames Ehama Koo fi Qajeelfama Dhaabaatii Ala, Jedhu
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:24 0:00


XS
SM
MD
LG