Doonaald Taamp akka prezidaantii US-tti imala biyya ala har’a jalqabanii jiran.
Falmiin White House keessaa namoonni siyaasaa hangi tokko kachachala Watergate kan prezidaant Richard Nixon aangoo irraa akka bu’an taasiseen akka wal fakkeessan sababaa ta’e.
Traamp haala kana mara booda keenyatti dhiisnee fuula duratti tarkaanfanna jechuun tuuta oduuf ibsa kennan.
Falmiin jiru, hoogganaa FBI James Comey kan hidhata Raashiyaa fi filannoo US gidduu ture qoratan hojii irraa ari’achuu, hariiroo Traamp ennaa duula filannoo Rashiyaa waliin qaban, ilaalchisee gaaffii isaan mudate, galmee icitii ol aanaa ministeera dhimma alaa Raashiyaa waliin qooddachuu isaanii of keessaa qaba.
Dawwannaan isaanii biyyootii alaa Saudi Arabiea, Israel, fi Vatican jedhamee jira.
Ennaa Vaticanitti goran utuun Traamp waliin wal hin argin dura waa’ee isaanii homaa murteessuu hin danda’u kan jedhan abuunicha kaatolika Roomaa Pope Francis waliin wal arguuf jir. Bakka miseensota NATO waliin wal argan Brusselstti kan goran ennaa ta’u imala isaanii utuu hin xumurin dura magaalaa Sicilian Taorminatti kan geggeessamu gumii biyyoota duroomanii kan G-7 jedhamu irratti argamuuf jiru.