FINFINNEE —
Obbo Jawaar Mohammed fi hidhamtoota siyaasaa Qaalititti hidhamanii jiran kaan hanga har’aatti guyyaa kudha afurafaaf laganaa nyaataa irra ka jiran tahuu fi akka isaan midhaan nyaatan gorsuuf manguddoonni kaleessa achitti argaman osoo itti hin milkaahin deebi'uu isaanii, abukaatooleen hidhamtootaa VOAtti himanii jiran.
Manguddooni kuniin, Laganaan nyaata kun balaa hamaa osoo hin dhaqabsiisin dura qaamolee mootummaa dhimmichi ilaalu waliin mari’achuuf ka yaada qaban tahuunillee himamee jira.
Kaneen Qaalliittiitti laganaa nyaataa irra jiran keessa namoonni dhibamanii gara hospitaala geeffamanis jiru, jedhu abukaatooleen kun.