Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dararaa Mana Hidhaa Keessatti Na irra Ga’een Fayyaan Koo Akka Malee Miidhame


Oromia map
Oromia map

Mootummaan Itiyooophiyaa namoota mana angawoota mormitootaa dabalatee hidhaa gad dhiisaa jira. Akkuma kanaan nutis lammiiwwan Oromoo mana hidhaa keessa turanii fi turtii isaanii mana hidhaa keessaa gaafachuun gabaasaa jirra. keessummaan keenya har’aa mana hidhaa Maa’ikelaawwii dabalatee manneen hidhaa adda addaa keessatti hidhamaa erga turee booda batii Guraandhalaa keessa kan gad dhiisame obbo Ingidaa qusii jedhama.

Ingidaan akka lakkoobsa Itiyoophiyaa Caamsaa 24 bara 2007 daandii irraa namoonni hin beekamne isa qabanii iji koo na hidhanii lafa hin beekamnetti nageessan jedha.

San booda mana hidhaa Maa’ikelaawwiitti ennaa na dabarsanis iji koo hidhamee waan tureef hamma har’aatti dura eessatti akka na geessan hin beeku, Maaa’ikelaawwii ergan ga’ee ija koo irraa hidhaa hiikan jedha.

Manneen hidhaa Maa’ikelaawwii Qilinxoo fi Ziwaayiin turuu isaa kan dubbatu Ingidaan reebichaa fi dararaa na irratti raawwatamen gurri koo hin hubatu, agartuun koo sirriitti hin argu, qaama dhaluu koo irra waan na rukutaniif carraan dhala argachuu koo illee baay’ee xiqqoo dha jedhan. Himannaa na irratti dhiyaates ABOttii hidhata qabda kan jedhu yoo ta’u ragaan na irratti dhiyaate utuu hin jiraatn waggaa lamaaf mana hidhaa keessa ergan turee boodan gad dhiisame jedha.

Dararaa Mana Hidhaa Keessatti Na irra Ga’een Fayyaan Koo Akka Malee Miidhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:50 0:00

XS
SM
MD
LG