Kampaniin teeknooloojii Yunaayitid Isteetis guddichi waggoota itti aanan afur keessa Yunaayitid Isteetis keessatti dalagaawwan 20,000 uumuuf akkasumas doolaara $500 invest gochuuf karoorsuu isaa beeksise. Kampaniin Aappil guutummaa biyyattii kutaalee sagale keessatti garee isaa fi keellaalee isaa kan babal’isuu fi bara 2026tti kutaa Teeksaas keessatti lafa kaare meetira 23,000 irratti waaltaa seerverii isaa banuuf akeeka qabaachuu dubbateera.
Beeksisi kun kan dhaga’ame hoogganaa ol aanaa kampanii Appile Tiim Kuuk pirezidaantii Yunaayitid Isteetis Doonaald waliin wal arganii guyyoota xiqqoo booda.
“Egeree kalaqaa Ameerikaa ilaalchisee gammadnee jirra, waadaa doolaara biiliyoona 500 kanaan egeree biyyattiif invastimantii yeroo dheeraa Yunaayitid Isteetis keessatti guddisuu keenyatti ni boonna,” jechuun Kuuk waa’ee invastimantii kanaa dubbataniiru.
Deggersa maallaqaa oomisha keenyaa jabanaa dacha guddisuu qabee Teeksaas keessatti hanga Teeknooloojii jabanaa ijaaruutti kampanilee oomishaa Amerikaaf deggersa jiru babal’isuu keenyatti guddaa gammanna jedhan. Kanaaf seenaa kalqaa Ameerikaa keessatti boqonnaa hin baratamne haaraa barreessuuf akka nu gargaarutti, namoota guutuu biyyattii keessa jiranii fi kampanilee waliin hojjechuu itti fufnaa jedha ibsi kampanichaa.
Tiraamp, Kuukii fi Appiliin Wixata kaleessaa waa’ee inversimentichaa fuula miidiyaa hawaasaa ofii Tiruuz Irratti barreessuun galateeffataniiru.
“Apple Ameerikaatti invastimantii guddaa doolaara biiliyoona 500 beeksiseera. Sababni isaas waan nuti hojjennu irratti amantaa qabu, osoo kana hin taanee tasuma invastimantii hin godhan turan," jedhan Tiraamp.
Irra hedduun meeshaa fayyadamtotaa kan Appil yroo ammaa biyyootii alaa keessatti oomishama. Hedduun isaanii Chaayinaa keessatti kan oomishaman yoo ta’u dhiyeenya Taarifaa dhibba irra harka kudhan kan dhiyeenya Tirampii irra kaa’aniif itti gaafatamu.
Dhiyeessii sadarkaa addunyaa irratti hirkachuu gad xiqqeessuuf, Appil baatii Amajjii keessa Chiippii ofii isaa baay’inaan warshaa Arizoonaa kan dhaabbata oomisha Taayiwaan kan TSMC keessatti oomishuu jalqabeera.
Warshaan Arizoonaa keessaa oomisha Semii kondaaktor dabaluuf seera karoorfame waliin yeroo marsaa hojii isaanii duraa imaammata industrii Tiraamp guddaa keessaa lama.
Appil marsariitii isaa irratti akka beeksisitti cichi doolaara biliyoona $500 kampanichi kanneen oomisha dhiyeessaniif kutaalee biyyattii 50n waliin, kallattiin nama mindeessuu, hojii caasaa baaasa Appole fi waaltaa galmee, keellaalee kampanilee gurguddaa, fi oomisha Appil TV kutaalee 20 keessaa kan of keessaa qabu ta’uu Appil beeksiseera.
Appil akka jedhetti bulchiinsa pirojektii fi adeemsa oomishaa keessatti kampanilee oomishaalee giddu galeessa ta’an deggeruuf maandisootaa fi hojjettoota Yuniveersitii naannoon kan hoogganamu leenjisa kennuuf Michigaan keessatti akaadaamii oomishaa banuuf qophaa’uu isaa Beeksise.
Forum