AMBOO —
Itiyoophiyaa keessatti Appiiwwan bilbila harkaa yokaan Mobaayilii, Koovid 19 of irraa faccisuu irratti hojjetoota gargaarsa fayyaa fi uummata waliigalaa gargaaruutti jiran.
Itoophiyaatti nama 16 calaatti COVI-19n lubbuu dhabe.
Kanneen qabaman immoo 1,100. Ogeeyyiin marsaa interneetii tolchan Appiiwwan adda addaa kanneen daddarbaa vaayirasichaa hodofuu gargaaranii fi akka hojjetoonni fayyaa odeeffannoolee dhukkubsatootaa waliif qoodan gargaaran tolchaa jiran.
Appiiwwan kun magaalaalee keessa babal’ataniyyuu, baadiyyaalee fagoo dhaqqabsiisuun garuu ammallee rakkoo tahaa jira. Gabaasaa guutuu caqasaa.