Gareen qornnaa kan tokkummaa mootummootaa hooganni Burundii jijjiiramus gabaasi hamaan kan dhiittaa mirgaa namaa fi yakka farra namoomaa hamaan biyyattii keessaa itti fufuu beeksisan.
Kan waggoota afur dura moggaafame komiishinni qorannaa dhimmi Burundii gabaasa isaa xumuraa gumii miga namaa kan tokkummaa mootummootaaf turban dhuftu dhiyeessuuf jira.
Waggoottan darben arfan keessa gareen komishina mniseensota sadii of keessaa qabu dhuunfaan dhiittaa mirga namaa Burundii keessaa galmeessu ture. Gareen kun hojiin to’annaa kun ennaa inni yeroo kennameef fixaa jiru kanatti hojiin kun dhabamuu mala yaaddoo jedhu qaba. Qorannaan dhiittaa mirga namaa Burundii keessaa galmeessuuf hojjetamuu akka itti fufu gaafatee jira.
Abdiin jiru mootummaa prezidaantii haarawaa kan erga prezidaantiin duraanii Pierre Nkurunziizaa du’anii filataman ennaa bulchiinsa prezidaant Evariste Ndayishimiye ni fooya’uu mala jedhamee ture.
Haa ta’u malee prezidaantiin komiishinichaa Daaudoo Diinee VOAf akka ibsanitti namoonni aangoo mootummaa mootummaaf kaadhimaman komiishinichaa, dhaabolii kan mootummaa hin ta’inii fi gamtaa Afriikaan kanneen dhiittaa mirga namaaf itti gaafatamoo ta’an ta’uun adda baafamee jira jedhan.