Xurree ittiin seenan

 
Dhimma Somaaliilaand Irratti Falmii Ka’e Ilaalchisee Itiyoopiyaa fi Somaaliyaan Marii Marsaa Duraa Turkii Keessatti Taasisan
Breaking News

Dhimma Somaaliilaand Irratti Falmii Ka’e Ilaalchisee Itiyoopiyaa fi Somaaliyaan Marii Marsaa Duraa Turkii Keessatti Taasisan


Dhimma Somaaliilaand Irratti Falmii Ka’e Ilaalchisee Itiyoopiyaa fi Somaaliyaan Marii Marsaa Duraa Turkii Keessatti Taasisan
Dhimma Somaaliilaand Irratti Falmii Ka’e Ilaalchisee Itiyoopiyaa fi Somaaliyaan Marii Marsaa Duraa Turkii Keessatti Taasisan

Dippilomaatonni olaanoo Ityoophiyaa fi Somaaliyaa Kibxata kaleessaa marii teeknikaa marsaa jalqabaa kan walii galtee Itoophiyaa fi Somaaliylaandi gidduutti taasisame irratti falmii uumame furuu irratti fuuleffate gaggeessan jechuun Ministeerri Dhimma Alaa Turkii beeksisee jira.

Turkiin biyyoota gaanfa Afrikaa gidduutti waldhabdee naannoo duraanuu nageenyi isaa laaffataa ta’e keessatti walitti bu’iinsi ka’uu danda’a yaaddoon jedhu erga uumee booda, jaarsummaan gidduu seensaa turte. Kan ulaa galaanaa hin qabaanne Itoophiyaan, bara darbe Somaaliland waliin lafa qarqara galaanaa ishee kireessuun buufata humna galaanaa hundeessuuf waliigaltee erga mallatteessitee asitti waldhabdeen uumamee jira.

Bakka isaa Itiyoophiyaan biyya jalqabaa walabummaa Somalilandiif sirnaan beekamtii kennitu ta’uuf ture. Somaaliyaan walii galteen kun abbaa biyyummaa koo cabsa jetti.

Ji’a Muddee keessa hoggantoonni Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa Turkiitti walga’uun marii teeknikaa eegaluuf waliigalaniiru, kunis waliigaltee abbaa biyyummaa Somaaliyaa kabachiisuun, Itiyoophiyaan ulaa galaana akka argattu akka hayyamu walii galan.

Ministeerri Dhimma Alaa Turkii akka beeksisetti jilli Ministira Dhimma Alaa Ityoophiyaa Geediyoon Ximotewoos fi Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Alii Mohaammad Omariin durfamu marii teeknikaa marsaa jalqabaa magaalaa guddoo Turkii Ankaaraatti gaggeessaniiru.

Ministeerri dhimma alaa Turkii baatii muddee keessa ibsa baaseen jiloonni lamaan ibsa Ankraatti kenname irratti walii galuuf cicha agarsiisaniiru, mul’ata kana dhugoomsuuf jiloonni kun hojii qabatamaa ta’e eegalaniiru jedhee jira. Mariin itti aanu illee baatii Bitootessaa keessa kan geggeessamu ta’uu ibsi ministeericha beeksiseera. Turkiin biyya alaa keessaa maadhee waraanaa guddicha dabalatee Somaaliyaa keessaa investimentii hedduu qabdi.

Somaaiilaand Somaaliyaa irraa kan adda baate waggoota 30 dura ta’us Gamtaa Afriikaas ta’e Tokkummaa Mootummootaa biraatti biyya walaba akka taatetti hin beekamtu. Somaaliyaan immoo akka qaama biyya ishee gochuun fudhatti.

Kan baay’inni uummata ishee miliyoona 120 ol-tti tilmaamamu Itiyoopiyaan addunyaa keessaa biyya ulaa galaanaa hin qabaannee dha .

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG