Xurree ittiin seenan

 
Dhimmi Yukireen Keessatti Nageenya Buusuu Ajandaa Ol’aanaa Walgahii Biyyoota G7 Kanaadaa Keessatti Walga’anii Ta’uun Ibsame
Breaking News

Dhimmi Yukireen Keessatti Nageenya Buusuu Ajandaa Ol’aanaa Walgahii Biyyoota G7 Kanaadaa Keessatti Walga’anii Ta’uun Ibsame


Dhimmi Yukireen Keessatti Nageenya Buusuu Ajandaa Ol’aanaa Walgahii Biyyoota G7 Kanaadaa Keessatti Walga’anii Ta’uun Ibsame
Dhimmi Yukireen Keessatti Nageenya Buusuu Ajandaa Ol’aanaa Walgahii Biyyoota G7 Kanaadaa Keessatti Walga’anii Ta’uun Ibsame

Dippilomaatonni olaanoon kan garee biyyoota industiriin badhaadhanii fi adda duree ta’an torbaa Kamisa darbe Shaarlaavooy Kuubeek Kan Kaanaadaa keessatti walitti qabamaniiru.

Biyyi keessummeessituu Kanaadaan ajandaa olaanaa ishee ibsiteen “Yukireen keessatti nagaa haqaa fi waaraa” galmaan ga’uu fi tumsa nageenyaa fi ittisaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, Kunis G7 waggaa 50 guutuu isaa irratti ta’uun ibsamee jira.

Haasaa baniinsaa kana irratti Ministirri Dhimma Alaa Kaanaadaa Mélanii Jolii akka jedhanitti,waa’een “Nagaa fi tasgabbiin ajandaa keenya keessaa isa olaanaa yoo ta’u, weerara seeraan alaa Raashiyaan gaggeessitu keessatti akkamitti Yukireen deeggaruun itti fufuu akka dandeenyu irratti mari’achuuf fedhii guddaan eeggadha” jedhan.

Akkasumas rakkoo nageenyaa kan “itti fayyadama doonii guddachaa jiru, akkasumas, dooniiwwan ugguura cabsuun”hojii seeraan alaa hojjatan fi “bu’uuraalee misoomaa murteessoo galaana jalaa balleessuu” ibsuun qormaata nageenya galaanaa furuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbatan Jooliin.

Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Maarkoo Ruubiyoo, yoo masaraan Kremlin walii gaee, guyyoota muraasa keessatti dhukaasa dhaabuun Raashiyaa fi Yukireen gidduutti raawwatamuu akka danda’u abdii qaban dubbataniiru.

Akkasumas ministiroonni dhimma alaa kan biyyoota G7 waraana Raashiyaa fi Yukireen xumuruu irratti akka xiyyeeffatan gaafachuuf Rubiyoon karoorfatanii jiru.

Mariin G7 Kuubeek keessatti gaggeeffamu kun marii Ameerikaa fi Yukireen Sa’uudii Arabiyaa Jiddaatti gaggeeffame hordofee kan gaggeeffame yoo ta’u, Yukireen yaada Ameerikaan “dhukaasa dhaabuu hatattamaa, yeroof guyyoota 30f” dhiheessite fudhachuuf qophii ta’uu ibsiteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG