Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhumatte dubbiin!Ingilaandi Kolombiyaa 4-3 dhuqi tolchitee biyya 8n waancaaf walti hafan taatee gammachuun akkana xixinnixxe


Ingilaandi biyya 8n waancaaf walti hafan keessaa tokko
Ingilaandi biyya 8n waancaaf walti hafan keessaa tokko

Silaafuu Ingilaadni akkuma durii kaan dhaba galti maan. Kun yaada nama hedduu. Fkn tapha gugurdaa addunyaa irratti tapachuma taphattee yoo eegee geettu moohamti Ingilaandi,Woma akka falfalaa irratti eegan.

Akka kanaan bara 1990,1996,1998,2004,2006 fi 2012 keessallee tapha gugurdaa moohuma mootee adabbii taanaan moohamte. Ganna 20 woma akkanaa kana keessa baate. Amma barii ka miila ijoollee haaraati tanaaf akkana gammachuun xixinnixxi.

Jarii kun eegii Siwiidin Siwitzerlaandi 1-0 dabsattee biyya 8n walti hafanitti dabalamte baraqqi walti jedhe.

Koloombiyaa fi Ingilaandi wal dhahuma dhahanii daqiiqaa 120 keessatti 1-1 walqixxee bahan,lanqaansoon jigan.

Goolii Kolombiyaa ta hardhaa Haarii Kaneetti daqiiqaa 57essoo irratti adabbii dhiitee galcheef. Yeerii Miinaa ammoo daqiiqaa 93ssoo irratti dhiitee Kolombiyaaf galche.

Wal dadhabanii walqixxee tahanii jennaan kubbaa hindiriffoo ykn adabbii kaahaniif.

Warra Kolombiyaa adabbii ykn hindiriffoo dhiiteef keessaa Kaarloos Baakaa fi Maatiyuus Uribee dhiitani dhabanii Radaamel Falkoo,Juwan Kuwadraadoo fi Luyis Muuriyeel ammoo hin galchaniif.

Ingilaandiif ammoo Jordan Handerson malee Haarii Kanee, Maarkiyuus Raashfoordi,Kiraan Tiripperii fi Erik Daayer hin galchan.

Kolombiyaan armaan duratti marroo shan Ingiliiziin wal dorgomtee marroo cufaa Ingiliizumatti moo’a.Gaafa bara 2005 keessaa New Jersiitti waliin taphattanillee Ingilaanditti 3-2 dabsate.Gaafas Maaykil Owenitti goolii sadi galcheef.

Waancaa kubbaa miilaa addunyaa irratti ammoo bara 1998 waliin taphatanii gaafasillee Ingiliizitti 2-0 moo’e.

Gaafas Daren Andersonii fi David Beekamitti goolii galcheef. Leenjisaan isaanii ka gaafasii Gareth Southgate hardhallee itti aanaa leenjisaa tahee barcuma irraa mullata.

Kolombiyaan dorgommii waancaa kubbaa miilaa 8n armaan dura taphatte sadeenuu irratti takkuma goolii dhabdee hin beettu. Bara 1998 ka Ingilaandi waliin taphatte qofa duwwaa galte.

Waancaa Kubbaa Miilaa baranaa dhumachaa deemuutti jira.Biyya 32 walti dibi jedhan keessaa 16 eegee aanee sunillee keessaa amma 8ti walti hafe.

Sunilleen lamatti waancaaf walti hafuuf yaa’a.Jimaata ammoo Biraazliii fi Beljiyeem,Uraagaayii fi Faransaayitti waliin taphata.

Ingilaandi iftaanii duubaa Adoolessa 7 Siwiidin waliin,Raashiyaalleen gaafasuma Kirooshiyaa waliin taphatti.

Achii ammoo warra sadarkaa fi waancaa taphatu lamaanti walti mara.Waancaa Kubbaa Miilaa kun Adoolesa 15,2018 dhumata.

Haga ammaatti marroo 56 taphatanii goolii 146 walti guuran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG