Xurree ittiin seenan

Breaking News

Diploomaatiin Amerikaa Beekamaan Du’an Boqotan.




Afgaanistaan fi Paakistaan keessatti jila addaa kan turan Riichaard Holbrook, dhibee fayyaa isaan mudateen umurii isaanii waggaa 69ffaatti du’an boqotan.



Hoolbrook hojii Diploomaasii cimaa fi cichaan guutamee gaggeessaa turan ka jedhan sagaleewwan gaddaa fi galataa guutuummaa adunyaa irra dhaga’amaa jiran.

Wal-dhibdee hamaa Bosniyaa keessa ture furuuf walii galtee Deyitenitti mallatteessameef Dippiloomaatii ijoo ka turanii fi milka’iina guddaa kan argamsiisan Holbrook turan. Holbrook muxannoo hojii bara dheeraaf qabaniin, ardiilee mara keessatti jechuun ni danda'ama waan hojjatanii darban hedduu qaban. Yeroo wal waraana Viyetinaam Seeyigoon keessatti Diploomaatii,Jermaniitti Ambaasaaddara, Afrikaa keessatti walitti-bu’insawwan uumaman furuun, dhiheenya immoo Bulchiinsa Prezidaant Obaamaaf Afgaanistaanii fi Paakistanitti jila addaa tahuun tafjaajilaa turan.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG