Xurree ittiin seenan

Breaking News

Doolarii 600 US nama vaayireessi koronaatiin hujii dhabef torbaanti kennitu hin guddattee fi hin diqqaatte irratti falamaan dhufuutti jirti


Doolaarii Ameerikaa abbaa 20
Doolaarii Ameerikaa abbaa 20

Amerikaatti nama vaayireessiin kornaa hujii dhowwe yoo akkam diqqaatte torbaanti doolara 600 kennan.

Sun seerattu tolche.Seerii sun torbaan dabre dhumte. Horiin sun hin guddatee fi hin guddanne irrati paartiin biyya bulchutti falmiitti jirti

Paartiin Demokiati akka bara 2020 keessa horiin kun nama irraa hin cinne feeti. Naansii Peloosii paartii demokiraatii itti gaafatamtuu mana marii Amerikaati.

“Akka doolarii 600 kennamu gaafachaa baane jarii ammoo 200 kennuuf malan jedhee gaafate. Doolariin 200 torbaaniti argatan maatii tokkoo womaa hin baatu. womaayyuu hin baatu.”

Akka yaada paartii Rippaabilikaanitti ammoo namii torbaanti doolara 600 hujii dhabeef kennaniif mi’eeffatee hujii hin barbaadatu

Akka qorannoo yuniverstii Yaletti ammoo namii tanaaf jedhee huji barbaada hin dhiifne.Steven Mnuchin, itti gaafatama maallaqa Amerikaati.

“Gama lamaanuu wal bira qamnee laaluu malle.Ee dhugumaan hojjataa gargaaruu malle,mala jireennaa gargaaruu nama irra qabachuu qamna.Dhibatti hujii yaa’uu dhowwe malee waan namii fedhee taheeniti.Taatullee nama gargaarra jedhee horii haga dabara baamnee waan baankii mootummaatii baamne ammoo deebisuuf dhaloota dhufutu liqee tuuluu hin malle.”

Warrii mana namaa kireessullee namatti hujii dhabee jedhee akka seera qara lafa jiruutti manaa nama baasuu hin dandahu.

paartiin Amerikaa bulchitu lamaan Rippaabilikaanii fi Demokiraati fala jaraa dhahan irratti walii galu baannaan nama hedduutti jidduutti rakkata. Seerii sunillee amma yaayyuu guyyaan dabre

Amerikaatti amma nama miliyoona 4 fi kuma 500 tahutti dhukkuba kana qaba.Nama kuma 150 caala galaafate. Nama miliyoona hedduutti hujii hin qamne.

Doolarii 600 torbaanitti nama hujii hin qamnee kennan ykn haga ganna kanaallee hinuma kennaniin ykn irraa diqqeessan sun waan mariin tahaati.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG