Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgomtaanni Prezidaantii Amerikaa Lamaan Yeroo Duraaf Falmii Gaggeessu


Ripaablikaantichi prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Donaal Traamp fi morkataan isaanii Demokraatichi Joo Baaydin Kibxata har'a galgala kutaa Ohaayoo keessatti falmii marsaa duraa gaggeessuuf jiru.

Guyyaan filannoo prezidaantii Amerikaa torban shan lafa hafeetti lameenuu har;a kallattiin qal arguuf jiru.

Falmiin wal fakkaataa akkasii marsaa sadiin kan qophaa'ee yoo ta;'u kun kan jalqabaati.

Sagaleen uummataa kan guutummaa biyyatti irraa funaaname akka agarsisuutti Baaydin Traampiin hark torbaan dursaa jiru.

Kan har'a falmiin keessatti gaggeeffamuuf jiru kutaan Ohaayoo filannoo prezidaantii Amerikaaf murteessituu ta;uutu himam.

XS
SM
MD
LG