Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dura-taa’aan ABUT Dabre-Tsiyoon Gebre-Mikaa’el Kufaatii Hooggansa Dhaabichaa Mudate Furuuf, Yaa’iin Waliigalaa Barbaachisaa Tahuu Dubbatan


FAAYILII - Dura-, bara 2021. aa’aa ABUT Dabre-Tsiyoon Gebre-Mikaa’el
FAAYILII - Dura-, bara 2021. aa’aa ABUT Dabre-Tsiyoon Gebre-Mikaa’el

Dura taa’aan dhaaba Adda bilisa baasaa Uummata Tigiraay Debiretsiyoon Gebire Mikaa’eel dhaabichi akka fayyuu fi kufaatii hooggansaa isa mudatee jiruuf yaa’ii taasiisuun barbaachiisadha jedhan. Itti aanaa dura ta’aa dhaaba adda bilisa baasaa uummata Tigiraay Geetachoo Raddaa dabalatee miseensonni koree gidduu galeessaa 14 irratti hin hirmaannu kan jedhan yaa’iin walii galaa 14ffaa dhaabichaa guyyaa boorii Kibxata Hagayya 7 bara 2016 magaalaa Maqaleetti taa’amuuf jira. Dhaabichi fuula miidiyaa hawwaasaa isaa Facebook irratti akka maxxansetti yaa’ichi yaa’ii fayyina dhaabichaa akka jedhamedha.

Dura taa’aan dhaabichaa Doktor Debiretsiyoon Gebiremikaa’eel dilbata kaleessaa Hagayya 5, bara 2016 ibsa sabaa himaaleef kennaniin yaa’ichi dhaaba adda bilisa baasaa uummata Tigiraayiin fayyisuun uummatichi beenyaa isaa akka argatu taasiisuudha jedhanii, ibsa isaanii keessattis akka jedhaniiru, “ balleessaan dhaabichaa inni guddaan hooggansa isaa keessa jira. Dhaaba wal duukaa hin hiriirre ta’aa jira. Kanaafuu waanti gara yaa’ichaatti nu galchu tokko hooggansa sirreessuudha. Kanumaaf qofa jedhamee yaa’ichi barbaachiisa.garuu kana qofaa miti yaa’ii kanaan dura taa’ame hordofee hojiiwwan hojjetaman jiru isaanis gamaaggamamaniiru. Addemsa qolachuu dabalatee gamaaggama siyaasaa koree hojii raawwachiiftuu fi koree gidduu galeessaa gaaggeessinee raawwanneerra. Gamaaggamni kunimmoo kan murtaa’u yaa’ii dhaanidha. “

Doktor Debiretsiyoon itti dabaluunis boordiin filannoo biyyaaleessaa Itiyoophiyaa haala addaa tiin waraaqaa beekamtii dhaaba adda bilisa baasaa uummata Tigiraayiif kenne kan jedhe gaaffii dhaabichaan alattidha jedhanii . murtoon amma kenname dhaabichi Hagayya 3 bara 2016 akka hundaa’e kan fakkeessuu fi kunimmoo walii galteen Piriitooriyaa hin jiru akka jechuutis jedhaniiru. Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaatti tajaajilli Komuunukeeshiinii ibsa Wiixata har’aa baaseenimmoo akka walii galtee Piriitooriyaatti dhaaba adda bilisa baasaa uummata Tigiraayiin haala addaan seera qabeessa taasiisuun dirqama hin turre jedhee Akka walii galtee piriitooriyaatti heera biyyattii fi aangoo dhaabbilee heera mootummaa kabajuuf ABUT dirqa galeera jedheera.

Obbo Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensonni koree gidduu galeessaa dhaabichaa 14 kanneen yaa’ii dhaabichaa 14ffaa irratti hin hirmaannu jedhan , “Yaa’ii dhaaba adda bilisa baasaa uummata Tigiraay diigu irratti hin hirmaannu, kan miseensoonni koree gidduu galeessa itti walii hin gallee fi komishinii to’annoo dhaabichaanis fudhatama kan hin arganne” jedhaniiru. Komishiniin to’annoo dhaabichaa Wiixata har’aa ibsa baaseen yaa’ichi xiiqii keessa seenuunii fi maaltu na dhibeedhaan fedhii qaama tokkoo adeemsiisuuf qophiin kan itti taasifamaa jirudha jedheera.

Itti aanaa pireezidaantii yeroo naannoo Tigiraay kan ta’an Leetinaanti Taaddesee Werredee gama isaaniin garaagarummaan siyaasaa , siyaasa qofaan furmaata argata jedhanii Yaa’ii ABUT dabalatee naannicha keessatti ayyaanota taasifamaniif humni nageenyaa qophii ga’aa taasiiseera jedhaniiru. Itti dabaluunis naannichatti addattimmoo magaalaa Maqalee keessatti hiriira deeggarsaas ta’e mormii yeroo murtaa’eef dhorkamuu isaa ibsaniiru jechuun Maqalee irraa Muluugeetaa Atsibahaatu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG