Dhaabanni geejiba baaburaa biyyaleessa Faransaay jimaata har’aa akka beeksisetti, naanoo buufata baaburaa imaltoonii itti baayatanuufi Gaak di Noord jedhamuti boombiin bara walwaraansaa aduunyaa isa 2ffaa ture ittu hin doohin waan argameef geejibinni baaburaa naanoo fi biyyalessaa akka dhaabatuu dirqisiiseera.
Dhaabbanni geejibaa baaburaa biyya Faransaay boombii kana ilaalchisee fuula miidiyaa hawaasa X irratti ibsa kenneen, geejibiin baaburaa Faransaayiin biiyyottan awuurooppaa biroo wajjin wal quunamisisus akka dhaabatu taasifameera.
Akka dhaabanni geejiba baaburaa Awurooppaa fuula marsartii isaa irratti beeksisetti, baaburaawan paarsi irra ka’anii gara magaalota Awurooppaatti imaluuf turan Sadii karoorrii imala isaanii akka hafuu taasifameera.
Forum