Gama biraatiin immoo, deggertotoa paartii mootummaa biyyattii irraa mana-murtii filannoo duraa fudhatama dhabsiise irratti mormiin haaraan darbatamaa jira.
Har’a deggertoonni paartii mootummaa, mana murtii biyyattii duratti hiriiruudhaan abbootii-murtii murticha dabarsan keessaa lama akka hariyataman dhaadannoo dhageessisaa turan. Poolsiin gaazii imimmaansisu hiriirtotatti biifuun adda facaase – jedhama.
Abbootiin murtii sun, murticha dabarsuu dura, abukaatoolee mormdituu waliin walga’anii turan – jechuun falman.
Abbaan-murtii ol’aanaan – Margaan, ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin, manni-murtii gonkumaa doorsisamuu akka hin qabne hubachiisan.
Manni-murtichaa, filannoo duraa, ka baatii Hagayyaa keessa geggeessamee keessatti badiin uumame maal akka tahe haga Jimaata dhufuutti gad-fageenyaan akka ibsu beeksisee jira.