Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Kaadhimamtoota Dorgommii Filannootii Dhihaatan Raggaasiste. Uhuruu Keeniyaataa Isaan Keessaa Tokko


Prezidaantiin Keeniyaa – Uhuruu Keeniyaataa
Prezidaantiin Keeniyaa – Uhuruu Keeniyaataa

Raayilaa Odingaan kaadhimamaa jabaa Prezidaant Uhuruu dura dhaabbatu – jedhamanii eegamani

Qaamni Dhimma Filannoo Keeniyaa, kaadhimamtoota dorgommiitti dhihaatan waan raggaasiseef jecha, duulli filannoo sirnaan biyyattii keessatti jalqabamee jira.

Filannoo baatii Agayyaa keessa geggeessamu dhaqqabuuf guyyoota toorbaatama tu hafe.

Koomishinni filannoo fi dhimmoota daangaa ka biyyattii, haga ammaatti, kaadhimamtoota filannoo toorba qofa raggaasise. Kaadhimamtoota sadii immoo, sababa loojistikaan – jechuudhaan fudhatama dhabsiise.

Kan marsaa lammataa filatamuuf barbaadan – Prezidaantiin Keeniyaa – Uhuruu Keeniyaataa, kaadhimamtoota Keeniyaa dorgommiif dabran keessaa tokko. Gama mormitootaa tii immoo, hoogganaan mormituu beekamaan – Raayilaa Odiingaa, kanneen Dilbata dhufu raggaaisamu – jedhamee abdatamu keessaa ti.

Odingaan kaadhimamaa jabaa – Prezidaanticha dura dhaabbatu – jedhamanii eegamani

XS
SM
MD
LG