Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartileen siyaasaa Amerikaa lamaan nama pirezdaatii tahee dorgomuuf eebbisanii dorgommiif walti gadi lakkisuuf kurfoo jiran


Qophii kora walii galaa(Convention) paartilee siyaasaa Amerika partii Demokiraati DNC fi paarti Rippaabilikaan RNC kora guddaa qalbiin eegan
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:40 0:00

Amerikaan filannoo pirezidaatummaatti jirti.Nama 23 pirezdaati tahuuf dorgome amma lamatti walti hafe.Paartileen siyaasaa Amerikaa gugurdoon lamaan Rippaabilikaanii fi Demokiraati amma egerii paartii isaanii fulaa bu’ee pirezidanti tahuuf fialtanii eebbisanii dorgommiin gargaaruuf walti dhufan.

Dorgommii ganna dabre,2015 jalqaban tana irratti warrii dorgomu yaahee nama isaan filatu dammaffachuuf,waan egii isaanii hojjatu itti himuu,tv,raadonii fi tgaazexaa fi waan akka akkaa irratti beessisa himacuuf doolaa miliyoona hedduu baasan.

Jari lamaan walti hafe Hilarii Kilintonii fi Doonaldi Tirmaapit.Tiraampi Rippaabilikaan,Hilariin ammoo Demokiraati.

Abbootii siyaasaa,bakka buutota paartilee, deeggartoota paartii fi bulchootii akka akkaa nama paartii isaanii fulaa bu’ee pirezdaantii tahuuf walti hafe jajjabeessanii dorgommii qopheessuuf walti dhufuutti jiran.

Marii siyaayaasaa ykn kora sabaa ingiliffaan Convention jedhan kana Paartii Rippaabilikaan Kilivilaandi Ohaayootti ta Demokiraati ammoo Pensilveeniyaa Filaadelfiyaatti taa’an.

Qophii nama ufii dorgomuutti jajjabeessuu fi karoora paartiin egerii biyya bulchitu biyya bulchuuf qabaattu tana nama kuma kurnya hedduutti itti dhufa.

Gaazexeessitota waan akka akkaatiin gabaasan kuma lamatti dhiyaatanitti afaan afaaniin addunyaatti hima.

Achuma dhandhee akka Amerikaan nama ufii itti filattu fi yaada gara garaa irratti fb,raadonii fi interneetiin gabaafnaa quba nu qabaadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG