Finfinneedhaa gara Magaala Daseetti sochiin geejibaa konkolaataan gaggeeffamu eega dhaabatee guyyaa sadii lakkobsisuu isaa madden sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Geejiiba addaan cituun kun, torban dabree godiina shawaa kaabaa Axaayee fi godiina saba Oromoo naannoo sanbateetti bal’inaan kan gaggeeffamu sochiin konkoolaattawwan dhaabsisanii imaltoota iggituu fi ajjeesuu gab akka jedhu kan gargaaree ta’uus, waan jireenya guyyu guyyuuf barbaachisoo ta’an seensisuun waan hin danda’amneef jecha, qaala’iinsii gatii mudataa kan jiru ta’u kanneen yaada kennan ibsanii jiru.
Waa’ee dhimma kanaa , angawoota godiina saba Oromoo irraas ta’e hogganoota mootummaa godiina shawaa kaabaa biraa odeeffannoo argachuuf yaaliin irra deddeebiin kan gaggeeffame milka’uu baatuus, waajirri komunikeeshinii mootummaa kan Dabra Birhaan midiyaa haawaasaa kan ofii irratti akka baaseetti, murtii koomaandii poostiin shawaa kaabaan, Guraadhala 16 bara 2016 kaasee Dasee irraa ka’e gara shawaa Roobiit fi Dabra Birhan akkasumas Dabra Birhaan irraa gara shawaa Roobiitii fi Daseetti geejiibnii ture akka dhaabatu ta’u isaa ibsee jira.
Naannoo sanatti kan socho’anii fi humnootii mootummaan Fiinxaaleeyyii jechuun isaan waamuu irratti tarkaanfiin fudhatamaa waan jiruuf, lammiwwan nagaa miidhaa irraa olchuuf jecha, sochiin geejibaa akka dhaabatu ta’u ibsee jira.
Ta’uus garu tarkaanfii mootummaan nan fudha jedhe kun, guyyaa meeqatti xumuramee tajaajiilli geejiibii kokolaataa yoom akka jalqabu ifa hin goone jechuun Masfiin Arraagee Dasee irraa gabaasee jira
Forum