Ka raayyaa Itisaa Itiyoophiyaaf deggersi itti dhageessisame, hiriirri kaleessa magaalaa Finfinneetti geggessamee jira. Jiraattonni magaalaa Finfinnee fi godinaalee addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee kan itti hirmaatan hiriira kana irratti, kantiibaa itti-aantuun magaalaa Finfinnee, Adaanech Abeebee, “gidduu-seeninsa haqaa-alaa Itiyoophiyaa irratti raaw’ataa jira,” ka jedhan dubbatanii jiran.
Itti-aantuu kantiibaan Fifinnee fi prezidaantiin bulchiinsa naannoo Oromiyaa – Obbo Shimallis Abdiisaa, “gochaa akkanatti hirmaataa jiru” kanneen ittiin jedhan, miseensota hawaasa idiladdunyaaf dhaamsa isaanii dabarsanii jiran. Kan hiriira kaleessaa sana hordoftee turte, Tsahaay Daamxoo, Finfinnee irraa gabaasaa qabdi. Caqasaa